Fana: At a Speed of Life!

Proojaktii Haroo Wanciif Birriin biiliyoona 1.3 ol waadaan seename

Finfinnee, Fulbaana 16, 2013 (FBC) – Proojaktii Haroo Wanciif Birriin biiliyoona 1.3 ol waadaan seename.
Qophii sagantaa galii walitti qabuu proojaktii Haroo Wanciif Abbootiin Qabeenyaan Birrii miiliyoona 500 fi miiliyoona 27, hojjetoonni mootummaa fi hooggansi sadarkaan jiru miindaa isaanii ji’a tokkoo birrii miiliyoona 800 ol walumaagalatti Birrii biiliyoona 1.3 ol waadaan seenameera.
Abbootiin qabeenyaa Oromoo 300 sagantaa galii walitti qabuu ‘maaddii biyyaaf’ irratti hirmaataniiru.
Preezdaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa sirnicharratti argamuun haasaa taasisaniin.
Abbootiin qabeenyaa misoomaa naannoo akkasumaas guddina biyyaaf ga’een isaan taasisaan jaalala biyyaa qabaachuu isaanii kan muldhisudha jedhaniiru.
Haroon Wancii Finfinneerraa fageenya Kiiloo Meetra 150 irratti kan argamtu yoo tatu, garreeniin kan marfamtee fi bishaan ho’aa kan qabdudha.
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.