Fana: At a Speed of Life!

ABUT reeffaa miidhamtoota walitti qabun ‘haleellaan jumlaa kan irratti raawwatameedha’ jechuun olola sobaa dabarsuuf qophiirra jira jedhame

Finfinnee, Adooleessa 27, 2013 (FBC )-Gareen Shoroorkeessaa ABUT reeffaa miidhamtoota walitti qabee fudhachuun ‘haleellaan jumlaa kan irratti raawwatameedha’ jechuun duula olola sobaa dabarsuuf qophiirra jiraachuu mootummaan dursee akeekaachiisee yeroo amma hojiirra olaa jira.

Torbee tokko booda gareen shororkeessaa ABUT magaalaa Humaraattii haleellaan jumlaa raawwateera jechuun duula gaggeessuuf qophiirra jiraachuu mootummaan maddoota nageenyaa odeeffannoo argatee ifoomsuun isaa ni yaadatama.

Adooleessa 15, 2013 mootummaa qulqulleessaa odeeffannoo waqtaawaatin bu’uraa odeeffannoo ‘akeekaachisaa jedhuun gadi lakkiseen, juuntaan torbee kana humni addaa naannoo Amaaraa fi raayyaan ittisa biyyaa Humaaraatti haleellaa akka raawwatuu miidiyaa hawaasatiin tamsaasuu akka eegaluu koroorrisaa ni muuldhisa’ jechuun dursee akeekkachiisee ture.

Mootummaanis gareen shororkaa kun dhaabbilee miidiya ilid addunyaa deeggaraniin ‘lammiilee nagaan Humaraa ajjefamuun laga keessaaatti gatamaniiru’ jechuun dursee odeeffannoo sobaa qindeessee duula walirraa fuchaa jiraachuu ibsameera.

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com

Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.