Fana: At a Speed of Life!

Adaabbaatti Pirojektoonni Birrii miiliyoona 127 ijaaraman eebbifaman

Finfinnee, Waxabajjii 21, 2014 (FBC) – Jilli Hogganaa Biiroo Qonnaa Oromiyaa, Obbo Abarraa Warquun durfamu Godina Arsii Lixaa Aanaa Adaabbaatti pirojektoota misoomaa adda addaa Birrii miiliyoona 100 fi miiliyoona 27’n ijaaraman eebbisiise.

Pirojektoonni kunneen bishaan dhugaatii, daandii kiiloo meetira 27 fi riqicha Godina Arsii Lixaa, Baalee fi Arsii walqunnamsiisu ta’uun eerameera.

Jiraattonni aanichaa bu’uuraalee misooma kunneen rakkoo hawaas-dinadee isaanii akka fureef dubbataniiru.

Bulchaan Godina Arsii Lixaa, Obbo Ahimad Hajjii bara 2014 Godinichatti hojiileen misoomaa garaa garaa 254 bajata Birrii miiliyoona 800 oliin hojjetamanii hawaasaaf tajaajilaa kennaa jiru jedhan.

Hoogganaan Biiroo Qonnaa Oromiyaa Obbo Abarraa Warquu mootummaan hojiilee misoomaa rakkoo hawaasa furaan garaa garaa hojjetaa akka jiru himanii fuulduraattis hojiileen kunneen cimanii kan itti fufan ta’a jechuu OBN gabaaseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.