Fana: At a Speed of Life!

Adaamaatti baazaarii fi egzibishiinii waldaalee IMX hirmaachise baname

Finfinnee, Bitootessa 22, 2014 (FBC) –Magaalaa Adaamaatti baazaari ifi egzibishiinii waldaalee IMX hirmaachise guyyoota shaniif turu ifatti banameera.

Ce’umsa waldaalee IMX marsaa 12ffaa Naannoo Oromiyaa sababeeffachuun qopheessummaa Biiroo Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaatiin Magaalaa Adaamaatti baazaarii fi eegzibishinii waldaalee IMX Godinaalee fi Bulchiinsa Magaalootaa hirmaachise ifaan baname.

Baazaarifi eegzibishiin kun Af-Yaa’ii Caffee Oromiyaa Aadde Sa’aadaa Abdurhaamaanii fi Hoogganaa Biiroo Carraa Hojii Uumuu Oromiyaa Obbo Ahimad Idirisiin saaqaniiru.

Af-yaa’iin Caffee Oromiyaa Aadde Sa’aadaa Abdurhamaan sirna kanarratti haasaa taasisaniin waldaaleen IMX diinagdee biyyaa guddisuu keessatti gaheen gumaachaa jiran olaanaa waan ta’eef bu ‘aa caalu argamsiisuuf hunduu deeggarsa irraa eeggamu taasisuufii akka qabu hubachiisaniiru.

Waldaaleen IMX oomisha biyya alaa galu hambisuufi qaala’iinsa jireenyaa tasgabbeessuu keessatti qooda murteessaa qabu waan ta’eef ummanni oomisha isaanii itti fayyadamuun jajjabeessu akka qabus dhaamaniiru.

Dargaggoota hedduu Carraa hojii hin argatiin hojiitti galchuuf ciminaan kan hojjetamu ta’uu kan dubbatan Aadde Sa’aadaan dargaggoonnis aadaa hojii isaanii gabbifachuu akka qabanis ibsaniiru.

Obbo Ahimad Idiriis gama isaanitiin Waldaaleen IMX dorgomaafi bu’aa qabeessa akka ta’aniif oomisha isaanii beeksisuufi walitti hidhamiinsa gabaa uumuurratti walitti fufiinsaan kan hojjetamu ta’uu sagantaa baniinsa kanarratti dubbataniiru.

Cee’umsi waldaaleen IMX bara kana kabajamus ergaa ijoo “Caa’umsi intarpiraayizootaa keenyaa badhaadhiina waliitif” jedhuun gaggeeffamau ragaan Biiroo Dhimmoota Kominikeeshinii Mootummaa Naannoo Oromiyaarra argame ni muul’isa.

Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.