Fana: At a Speed of Life!

Addunyaarratti lakkoofsi namoota vaayrasii koroonaan qabamanii miiliyoona 21 caale

Finfinnee, Hagayya 8, 2012 (FBC) – Addunyaarratti lakkoofsi namoota vaayrasii koroonaan qabamanii miiliyoona 21 caale.
 
Addunyaarratti lakkoofsi namoota vaayrasii koroonaan qabamanii miiliyoon 21 fi kuma 68 fi 933 ga’uu ragaan ‘Woorlidoomeetirs’ irraa argame ni muul’isa.
 
Hanga ammaatti lubbuun namoota kuma dhibba 7 fi kuma 57 fi 446 darbeera.
 
Namoonni miiliyoonni 13 fi kumni dhibbi 9 fi kumni 20 fi 144 ammoo dhibicharraa dandamataniiru.
Yeroo ammaa namoonni miiliyoonni 6 fi kumni dhibbi 3 fi kumni 91 fi 343 yaalarratti kan argaman yoo ta’u, namoonni kumni 64 fi 499 wallaansa cimaa keessatti argamu.
 
Ameerikaatti qofa namoota miiliyoona 5 fi kuma dhibba 4 fi kuma 15 fi 666 dhibichaan qabaman keessaa namoonni kumni dhibbi 1 fi kumni 70 fi 415 lubbuun darbaniiru.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.