Fana: At a Speed of Life!

Adeemsa hojii mijataa ta’e uumuu fi nageenya indaastirii amansiisaa ta’e daran cimsuuf hojjatamaa jira jedhame

Finfinnee, Amajjii 3, 2013 (FBC)- Biiroon Dhimma Hojjataa fi Hawaasummaa Oromiyaa haala hojii mijataa, walitti dhufeenya dirree hojii fi nageenya indaastirii mijataa ta’e mirkaneessuuf sochii taasisaa jiraachuu beeksise.
Biirichi dhimmicharratti qooda fudhattoota waliin magaalaa Adaamatti mari’ataa jira.
Biirichi akkaataa walitti dhufeenya dirree hojii mijataa fi nageenya indaastirii uumuu, odeeffannoo gabaa kennuu, carraa hojii dabaluun dhaqabummaa lammiilee foyyeessuu irraatti ciminan hojjechaa jiraachuu ibseera.
Gamaaggamni hojii kurmaana 2ffaa fi leenjiin dandeettii raawwachiisummaa hoggansaa, ogeyyii godinaalee, magaalotaa fi aanaaleef kennamaa kan jiru yoo ta’u mariin qophaa’e kunis hanqinaa fi cimina hojii caasaleen sadarkaan jiran keessatti mul’atan erga adda baasee booda kan qophaa’e ta’uu Hoggantuun Biiroo Hojjetaaf Hawaasummaa Oromiyaa aadde Jamiilaa Sinbiruu ibsaniiru.
Haaluma kanaan hojiiwwan hanga kurmaana 2ffaatti raawwatan keessatti ciminoota dameewwan hojii hunda irratti argaman akka muuxannoo gaaritti qooddachuun akkataa danda’amu irratti haala kan mijeessuu fi hanqinoota mul’atan ammoo kurmaana itti aanuu keessatti ciminan kan hojjetamu ta’us aadde Jamiilaan ibsaniiru.
Mariin kun qajeelfama raawwii hayyama hojii eejensootaa fi hojjetaa biyya keessaa wal qunnamsiisuu, godaansa seeraan alaa ittisuu, imammata eegumsa hawaasummaa fi qabxiiwwan garaagaraa irratti kan xiyyeefatedha.
Marichi guyyoota afuriif kan itti fufu ta’u ragaan Biiroo Dhimoota Kominikeeshinii Mootummaa Naaannoo Oromiyaarra argamee ni muul’dhisa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.