Fana: At a Speed of Life!

Adeemsa ijaarsa sirna diimookiraasii keessatti hirmaannaan hojjettootaa murteessadha jedhame

Finfinnee, Eebila 30, 2013 (FBC) – Adeemsa ijaarsa sirna diimookiraasii keessatti hirmaannaan hojjettootaa murteessaa ta’uu Konfedereeshiniin Waldaalee Hojjettootaa beeksiise.
Konfedereeshinichi filannoo bara kana gaggeeffamuuf Paartilee Siyaasaaf waltajjii marii mijeessuu fi hojjettootaaf hojii hubannoo uumuu hojjechaa jiraachuu Preezdaantiin Konfedereeshinii Waldaalee Hojjettoota Ityoophiyaa obbo Kaasahuun Folloo ibsaniiru.
Konfedereeshinichi adeemsa filannoo karaa bilisaa fi walaba ta’een taajjabdummaan kan hordofu ta’uu eeraniiru.
Hojjettoonni dameewwan hojii garaagaraa keessa hojjetan filannoo keessatti hirmaannaa cimaa taasiisuun mirga diimookiraasii isaanii fayyadamuu qabu jedhan.
Kanaaf hojjettoonni adeemsa ijaarsa Diimookiraasii keessatti hirmaannaa cimaa taasiisuun dirqama lammummaa isaanii ba’uu akka qaban Preezdaantichi gaafataniiru.
Maddi:-TOI
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.