Fana: At a Speed of Life!

Af-Yaa’iin Caffee Oromiyaa aadde Loomii Badhoo hordoftoota Amantaa Kiristaanaa Maraan Baga Ayyaana Qillee (Dhaloota Kiristoosiin) Isin Gahe jedhan

Finfinnee, Muddee 28, 2013 (FBC) – Af-Yaa’iin Caffee Oromiyaa aadde Loomii Badhoo hordoftoota Amantaa Kiristaanaa Maraan Baga Ayyaana Qillee (Dhaloota Kiristoosiin) Isin Gahe jedhan.
Ayyaanni Qillee hordoftoota amantaa kiristaanaa biratti Dhaloota Kiristoos yaadachuuf ayyaana kabajamuufi hawwii guddaan eegamudha.
Wayita kana, maatiin, ollaafi aanteen waliin ta’uun ayyaanicha kabajuun cinaatti, aadaa walgargaarsaa boonsaa qabutti fayyadamee kan qaburraa waliif qooduun ayyaaneffachuudhaan beekama.
Ummanni keenya, galma badhaadhina biyya keenyaa roga maraan milkeessuuf, keessattuu, hojiiwwan gama hawaas-diinagdeen jiruufi jireenya hawaasaa jijjiiruuf hojjetamaa turan keessatti qooda olaanaa gumaachaa akkuma ture, ammas, aadaa walgargaaruu qabu kana daran cimsuun nageenya naannoosaa tikfachaa karoora mootummaan badhaadhina biyya keenyaa milkeessuuf maatii keessatti jijjiirama qabatamaa fiduuf badhaadhina maatii irraa eegalee hojjechaa jiru tumsuun gahee isaa adda durummaan bahachuu akka qabu carraa kanaan ibsuun barbaada.
Caffeen Oromiyaas, ergama bakka bu’ummaa ummataa Heeraan kennameef irratti hundaa’uun, galmi badhaadhinaa qabanne qe’ee hawaasa Naannoo keenyaa keessatti jijjiirama qabatamaa akka fiduuf kan hojjetu ta’uu carraa kanaan ibsaa ayyaanni Qillee bara kanaa kan milkii, jaalalaa, gammachuufi badhaadhinaa akka isiniif ta’u maqaakoofi maqaa Caffee Oromiyaatiin hawwiin qabu ibsuun baga jala bultii Ayyaana Qilleen nagaan waliin nu gahe jechuun barbaada.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.