Fana: At a Speed of Life!

Afrikaa Bahaatti hongee mudateen Beelladoonni miiliyoonni 9.5 du’uu DhMG beeksise

Finfinnee, Bitootessa 17, 2015 (FBC) – Afrikaa Bahaatti hongee mudate hordofee Beelladoonni miiliyoonni 9.5 ol du’uu Dhaabbaata Mootummoota Gamtoomaniitti Sagantaan Nyaataa Addunyaa beeksiseera.

Ityoophiyaa, Somaaliyaa fi Keeniyaatti hongee mudate hordofee Beelladoonni miiliyoonni 9.5 ol du’uu isaanii dhaabbatichi ibseera.

Biyyoota kanneenitti daa’immaan miiliyoonni 5.1 ol hanqina midhaan nyaataaf saaxilamuu eereera.

Daa’immaan miiliyoonni 3.6 ammoo barnoota isaanii adda kutuu himeera.

Bara Faranjootaa 2023 lammiileen miiliyoonni 8.8 deeggarsa midhaan nyaataa yeroo ariifachiisaa kan barbaadan ta’uu eeruun, lammiilee kana baraaruuf Doolaarri biiliyoonni 2.4 kan barbaachisu ta’uu CGTN gabaase.

#Oromia#Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.