Fana: At a Speed of Life!

Afrikaan dandeetti gama saayinsii hawaan qabdu xiyyeeffannaan itti fayyadamuu akka qabdu ibsame

Finfinnee, Onkololeessa 4, 2014 (FBC) – Afrikaan dandeetti gama saayinsii hawaan qabdu itti fayyadamuuf xiyyeeffannaan hojjechuu akka qabdu Komishinarri Komishinii Barnootaa, Saayinsii fi Teeknoolojii Gamtaa Afrikaa Proofesar Saaraa Anyaang ibsaniiru.

Gamtaan Afrikaa Saayinsii hawaa ardichi itti hin fayyadamneef xiyyeeffannaa kan kennu ta’uu ibsaniiru.

Afirkaan dandeettii olaanaa qabaattus ammas fakkeenya boodatti haftummaa ta’uun ishee sirrii akka hin taane kaasaniiru.

Afrikaan meeshaa dheedhii hin tuqamnee fi humna namaa kan qabdu ta’uu fi qaama ajandaa Afrikaa 2063 ta’e saayinsii hawaaf xiyyeeffannoon kennamee ni hojjetama jedhan.

Dabalataanis mootummoonni hariiroo Afrikaaf beekumsa ardichaarratti xiyyeeffatamee kan hojjetamu ta’uu ibsaniiru.

Komishinarittiin Walga’ii Mana Maree hojii raawwachiiftuu Ministirootaa Gamtaa Afrikaa 39ffaan cinatti leenjii kennaniiru.

Afawarq Iyaayyuu

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.