Fana: At a Speed of Life!

Afrikaan nagaa fi tasgabbii addunyaaf qooda ishee ba’achaa jirti – Obbo Dammaqaa Makonniin

Finfinnee, Bitootessa 9, 2013 (FBC) – Itti aanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Ministeera Dhimma Alaa obbo Dammaqaa Makonniin waltajjii Mana Maree Nageenyaa fi Tasgabbii gamataa Afrikaa Intarneetiin gaggeeffameerratti hirmaatan.
Obbo Dammaqaan waltajjii Mana Maree Nageenyaa gamtaa Afrikaa 986ffaa Intarneetiin haala ergama nagaa kabachiisuu ilaalchiisee gaggeeffameerratti hirmaataniiru.
Biyyoonni humna nagaa kabachiisaa bobbaasan wareegama hanga lubbuutti kaffalaa jiraachuu obbo Dammaqaan ibsaniiru.
Afrikaan nagaa fi tasgabbii addunyaaf qooda ishee ba’achaa jiraachuu eeraniiru.
Dhiyeessiin Faayinaansii fi loojastikii humna nagaa kabachiisaaf ramadamuu hir’achuu isaanii haala rakkisaa keessa ta’aanii dirqama isaanii ba’achaa jiraachuu kaasaniiru.
Manni Maree Nageenyaa fi Tasgabbii Gamtaa Afrikaa gufuuwwan ergama nagaa kabachiisuu muudatan furuuf ejjennoo waloo Afrikaanootaa akka qabaatan ibsuu isaanii ragaan Waajjira Dubbii Himaa Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni agarsiisa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.