Fana: At a Speed of Life!

Afrikaanonni Ityoophiyaa cina dhaabbachuun irra deebiin dhalachuu Paan Afrikaaniizimiif karra kan banudha-Hayyoota

Finfinnee, Sadaasa 15, 2014 (FBC) – Afrikaanonni “Waraanni Ityoophiyaan gaggeessaa jirtu waraana Afrikaati” jechuun  cina dhaabbachuun isaanii irra  deebiin dhalachuu Paan Afrikaaniizimiif karra kan banu ta’uu hayyoonni ibsaniiru.

Waamichi Muummeen Ministiraa Afrikaanotaa fi uummata gurraachaaf taasisan kan yeroo isaa eeggatedha jedhaniiru.

Jijjiirama booda mootummaa cimaan rakkoo Afrikaaf furmaanni Afrikaadha jedhu hundaa’uun, fedhii mootummoonni biyyoota lixaa mootummaa ergamaa hundeessuuf qaban gatatuun, haalli qabatamaan jiruu fi  wanti mootummoonni lixaa Afrikaatti arguu barbaadan wayita faallaa ta’u waraana bakka bu’iinsaa Ityoophiyaarratti kan banan ta’uu Yuunvarsiitii Finfinnee Giddugala Qorannoo fi Qo’annoo Afrikaa fi Eeshiyaatti qorataa kan ta’an Dooktar Saamu’eel Tafarraa ibsaniiru.

Qorataan dhimmoota Afrikaa Dooktar Biraanuu Leenjisoo gamasaaniin, Afrikaanonni “Waraanni Ityoophiyaan gaggeessaa jirtu waraana Afrikaati” jechuun leellistoonni Afrikaaniizimii ka’uun dhugaa jiru kan ifa baase ta’uu kaasaniiru.

Injifannoon Ityoophiyaa injifannoo Afrikaa ta’uu Dooktar Biraanuun ibsaniiru.

Ityoophiyaan tuqamuu isheetiin Afrikaanota ni ga’a jedhanii sagalee isaanii dhageessisan qindeessuun qooda hooggantummaa ba’achuu akka qabdu kaasaniiru.

Turtii Faanaa Broodkaastiing Koorporeet waliin taasisaniin, yeroon ammaa irra deebiin dhalachuu Paan Afrikaanizimiif akka carraa gaariitti kan lakkaa’amu ta’uu ibsaniiru.

Afawarq Iyyaayyuutu gabaase.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.