Fana: At a Speed of Life!

Ajjeechaa Artiist Haacaaluu hundeessaa hordofee yakki sarbama mirga namoomaa raawwatamuu ibsame

Finfinnee, Muddee 23, 2013 (FBC) – Naannoo Oromiyaatti ajjeechaa Artiist Haacaaluu hundeessaa hordofee yakki sarbama mirga namoomaa lammiilee nagaarratti raawwatamuu Komishiniin Mirga Namoomaa Ityoophiyaa beeksise.
Komishinichi Waxabajjii 22,2012 eegalee guyyoota walitti aanaan sadiif naannoo Oromiyaatti rakkoo nageenyaa uumamee tureen miidhaa qaqqabe qorachuuf garee ogeeyyii gara naannichaatti ergee kan ture yoo ta’u, bu’aa qorannoon argame har’a ifoomseera.
Haleellaa raawwateen lubbuun namoota 123 kan darbe yoo ta’u, namoota 500 irra miidhaan qaamaa qaqqabu ifoomseera.
Lammiileen kumaatamaan lakkaawwamn ammoo qa’ee fi qabeenya isaanirraa buqqa’uu ibseera.
Namoonni gareen gurmaa’anii socho’aa turan sabaa fi amantaan foo’uun namoota siiviilirratti haleellaa qaqqabsiisuu komishinichi gabaasa isaan eereera.
Haalli ture qaamolee nageenyaaf qormaata jabaa fi wareegama lubbuu isaanii kan gaafate ta’uu hubachuun danda’ameera jedha gabaasni Komichinichi ifoomse.
Yaa ta’uutii iddoolee tokko tokkotti qaamoleen nageenyaa tarkaanfii madaallawaa hin taane fayyadamuun muul’achuu eerrameera.
Tarkaanfii madaallawaa hin taane fudhatameen namoonni hiriira keessa hin turre, imaltoonni, kanneen mana keessa turan, jaarsooliin araaraf gidduugalanii fi kanneen biroo ajjeeffamuu ibsameera.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.