Fana: At a Speed of Life!

Albuudni qaaliin karaa seeraan alaa daddabarfamaa ture Kg 4.18 to’atame

Finfinnee, Sadaasa 23, 2015 (FBC) – Albuudni qaaliin ‘Akkuwaa Maaraayin’ jedhamu karaa seeraan alaa daddabarfamaa ture Kg 4.18 to’atamuu Komishiniin Gumurukaa beeksiiseera.

Albuudichi hordoffii taasiifameen magaalaa Dirre Dawaa iddoo Kiiloo sadi jedhamuun waamamutti to’atamuu ibsameera.

Albuudni kun qindoomina hoggantoota Gumurukaa Damee Dirre Dawaa fi ogeeyyii Odeeffannoo Biyyaalessaan to’atamuu fi dhimmicha waliin wal qabatee shakkamtoonni 4 to’atamuu ragaan Komishinii Gumurukaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Or/omo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.