Fana: At a Speed of Life!

Amajjii 1 eegalee yuunivarsitiiwwan naannichaa hojii baruuf barsiisuu kan eegalan ta’uu ibsame

Finfinnee, Mudde 19, 2016 (FBC)- Amajjii 1, 2016 eegalee torbeewwan lamaan jalqabaatti Yuunivarsitiiwwan Mootummaa, Naannoo Amaaraatti argaman hojii baruuf barsiisuu akka eegalan Ministeerri Barnootaa beeksise.

Rakkoo nageenyaa naannichatti mudateen walqabatee yuunivarsitiiwwan naannichatti argaman barattoota ramaadaniif waamicha taasisuu fi hojii baruu fi barsiisuu idilee guutummaatti eegaluu akka hindandeenye eerameera.

Haaluma kanaan Ministeerri Barnootaa, Komaandi Postii, gurmaa’inaalee nageenyaa naannichaa fi qaamolee dhimmichi ilaallatu waliin mari’achaa turuun ni yaadatama.

Ministirri Ministeerichaa Pirofeesar Birhanuu Naggaan, Pireezidaantii Naannichaa Obbo Araggaa Kabbadaa, Pireezidaantota Yuunivarsiitiiwwan kurnaan naannichaa fi qaamolee nageenyaa dhmmichi ilaalatu waliin dhimmicharratti mari’achuun ibsameera.

Yeroo ammaas nageenyi naannichatti mirkanaa’aa dhufuurraan yuunivarsiitiiwwan barattoota isaaniif waamicha taasisuu fi hojiilee baruu fi barsiisuu akka eegalan murteerra ga’amuun ibsameera.

Bu’uura kanaan Amajjii 1, 2016 irraa eegalee torbeewwan lama keessatti adeemsa baruu fi barsiisuu akka eegalan eeramuu ragaan ministeericharra argame ni mul’isa.

Barattoonni yuunivarsiitiiwwan naannichatti argamanitti ramadamanis waamichaa taasifamu akka hordofan ministeerichi hubachiiseera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.