Fana: At a Speed of Life!

Amb. Silaashii Baqqalaa Walitti Qabaa Dhimmoota Tikaa Seneetii Ameerikaa waliin mari’atan

Finfinnee, Fulbaana 19, 2015 (FBC)- Ameerikaatti Ambaasaaddarri Ityoophiyaa Silaashii Baqqalaa Walitti Qabaa Dhimmoota Tikaa Seneetii Ameerikaa Maarki Wiirnaar waliin mari’ataniiru.

Marii isaaniin, walitti bu’iinsa kutaa Kaaba Ityoophiyaa, hariiroo Ityoophiyaaf Ameerikaa akkasumas gahee diyaaspooraan Ityoophiyaa misooma irraatti qaban irratti mari’achuun ibsameera.

Seenaatarii Maarki Wiirnaar bara 2008 senatara ta’uun tajajiluu ibsuun, bara Faranjootaa Amajjii 2021 irraa egalee walitti qabaa garee tikaa seneetii ta’uun hojjacha jiraachuu ibsaniiru.

Oduu walfakkatuun, Ambassaddar Silaashii Baqqalaa diyaaspooraa Ameerikaa jiraatan 200 waliin marii bu’aa qabeessa gaggeessuun eerameera.

Marichi diyaaspooraan Ityoophiyaa hariiroo Ameerikaa fi Ityoophiyaa gidduu cimsuu, misoomaa biyyarratti hirmachuu eeramuu toora midiiyaa hawasuummaa isaaniin ibsaniru.

Ambaasaaddar Silaashiin hawaasa diyaaspooraa Ityoophiyaa biyyaaf deeggarsa taasisaa jiran galateeffataniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.