Fana: At a Speed of Life!

Ambaasaaddar Baacaan Waldaa Michoota Ityoo-Keeniyaa waliin mari’atan

Finfinnee, Hagayya 24, 2014 (FBC) – Waldaan Michootaa Ityoophiyaa-Keeniyaa, Keeniyaatti Ambaasaadaraa Ityoophiyaa Baacaa Dabalee waliin misoomaa fi nageenya naannawaarratti mari’ataniiru.

Waldaan michoota Ityoo-Keeniyaa nageenyaa fi misooma naannawichaarratti Embaasii Ityoophiyaa waliin walitti dhiyeenyaan hojjechuuf waliigalaniiru.

Ambaasaaddar Baacaa Dabalee Dura Taa’aa Waldichaa Joye Aleech waliin akka mari’atanitti Eembaasichi pirojektoota misoomaa fi nageenyaa Ityoophiyaa fi Keeniyaa gidduu deeggaruun waldicha waliin walta’iinsaan hojjechuuf qophii ta’uu mirkaneessaniiru.

Waldichi biyyoota obbolaa lameen gidduutti hariiroo ummataa fi ummataa cimsuuf tattaaffii taasisuu tumsuutti maqaa mootummaa Ityoophiyaan galateeffataniiru.

Dabalataan Ambaasaaddar Baacaan ibsa waldichaaf taasisaniin, mootumman Ityoophiyaa gaaddisa Gamtaa Afrikaa jalatti tattaaffii nageenyaa taasisu qajeelfama “Rakkoolee Afrikaa Afrikaanotaan furuu” jedhu akka dhugoomuu fi nageenyaaf kutannoo qabaachuu hubachiisaniiru.

Kana malees, gareen ABUT humna nageenyaaf hindhaabbannee akka ta’ee fi fedhii siyaasaa isaaf dargaggootaa humnaan waraanatti oofaa jira jedhaniiru.

Duraa Taa’an Waldichaa gama isaaniin, nageenyaa fi misooma naannawichaaf harka walqabachuun hojjechuu akka barbaachisu ibsu isaanii ragaan Ministeera Dhimma Alaarra argame ni mul’isa.

Waldaan Michoota Ityoophiyaa-Keeniyaa biyyoota lameen gidduutti nageenya, michummaa fi misoomaa mirkaneessuuf bara faranjootaa 2020 kan hundaa’eedha.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.