Fana: At a Speed of Life!

Ambaasaaddar Maahileet Hayiluu Ambaasaaddarootaa fi Dippiloomatoota Gamtaa Awrooppaa walin mari’ataan

Finfinnee, Gurraandhala 27, 2012 (FBC) – Ambaasaaddar Maahileet Hayiluu Ambaasaaddarootaa fi Dippiloomatoota Gamtaa Awrooppaa walin mari’ataan.

Itti waamamtun dhaabbii Ministeera Dhimma Ala FDRI Ambaasaaddar Maahileet Hayiluu ambaasaaddaroota fi dippiloomatoota biyyoota miseensa gamtaa Awrooppaa walin mari’ataniiru.

Marii isaaniin wayita amma sadarkaa idil addunyaatti babal’achaa kan dhufee daddabarsaa meeshaalee waraana hir’isuuf gama kanaan tarkaanfii Gamtaa Awurooppaa fudhataa jiru irratti marii taasisaniiru.

Akkasumaas walqixxuummaa koorniyaa, jijjiirama qabeenya qilleensaa fi dhimmoota hawwasummaa, nageenya idil addunyaa irratti mari’ataniiru.

Gamtaan Awurooppaa meeshaa waraanaa niwukilaraa hojirraa akka hin oollee fi akka hin babal’anneef wali galtee idil addunyaa irra ga’anii fi daddabarsaa meeshaa waraanaa hiri’suuf waligaltewwan waliif mallatteessaan hojirraa ochuuf xiyyeeffaannaan sochii taasisaa jiraachuu himaniiru.

Kanarra darbees ambaasaaddaroonni yeroo itti anuuf karoora gamtichaan hojirraa oluu yaadamee irratti ifaa waliif taasisuu ragaan ministeera dhimma alarraa argamee ni mul’dhisa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.