Fana: At a Speed of Life!

Ambaasaaddar Mallas Alem Ambaasaaddaroota biyyoota garaagaraa waliin mari’atan

Finfinnee, Bitootessa 9, 2013 (FBC) – Keeniyaatti Ambaasaaddarri guutuun Ityoophiyaa Ambaasaaddar Mallas Alem Ambaasaaddaroota biyyoota garaagaraa waliin dhimmoota waloorratti mari’ataniiru.
Ambaasaaddar Mallas Keeniyaatti Ambaasaaddara Haaraa muudaman Afrikaa Kibbaa M.J. Mahaalaanguu,kan Indooneezhaayaa Dooktar Mahaammad Heerii fi dhimma raawwachiisaa Naajeeriyaa Naart Koolloof dhimma waqtaawaa Ityoophiyaarratti ibsa taasiisaniiru.
Dabalataan ambaasaaddaroota kanneen waliin dhimmoota waloo fi naannawaarratti yaada waljijjiiruu isaanii ragaan Keeniyaatti Imbaasii Ityoophiyaarraa argame ni muul’isa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.