Fana: At a Speed of Life!

Ambaasaaddar Muktaar xaalayaa muudama isaanii Siiriil Raamaafoosaaf laatan

Finfinnee, Hagayya 6, 2014 (FBC) – Ambaasaaddar Muktaar Kadir xaalayaa muudama isaanii Pireezidaanti Siiriil Raamaafoosaaf laataniiru.
Afrikaa Kibbaatti Ambaassaaddara guutuu Ityoophiyaa ta’uun kan muudaman Ambaasaaddar Muktaar Kadir xaalayaa muudama isaanii Pireezidaantii Afrikaa Kibbaa Siiriil Raamaafoosaaf laataniiru.
Ityoophiyaa fi Afrikaan Kibbaa hariiroo bara dheeraa fi seenaa qabeessa qabaachuu Ambaasaaddar Muktaar ibsaniiru.
Pireezidaanti Siiriil Raamaafoosaan gama isaaniin, qabsoo bilisummaa Afrikaa Kibbaaf deegarsa Ityoophiyaan taasiisaa turteef galateeffataniiru.
Hariiroo biyyoota lamaanii caalmaatti cimsuuf kan hojjetan ta’uu mirkaneessuu isaanii ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.