Fana: At a Speed of Life!

Ambaasaaddar Shibbiruu Maammoo ambaasaaddaroota biyyoota garaagaraa waliin mari’atan

Finfinneee, Eebila 4, 2013 (FBC)- Kubaatti Ambaasaaddarri Ityoophiyaa Shibbiruu Maammoo ambaasaaddaroota biyyoota garaagaraa waliin mari’ataniiru.

Marii isaaniitin Ambaasaaddar Shibbiruun Ityoophiyaan bishaan Abbaayiin lammilee ishee %60 ol humna elektirikaa hin qabne fayyadamoo taasisuuf hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.

Guutinsii  bishaanii qaama ijaarsichaa akka ta’ee fi mariin sadeenii Gamtaa Afrikaatin cimee akka itti fufuu gama Ityoophiyaa tattaaffii taasifamaa jiraachuu ambaasaaddarichi himaniiru.

Rakkoon daangaa Ityoo-Sudaan waliin walqabsiisee Ityoophiyaan rakkichi marii akka hiikamuu ni amantiis jedhaniiru.

Deeggarsa namoomaa naannoo Tigraayitti taasifamaa jiruun walqabsiisee marsaa jalqabaatiin lammiilee miiliyoona 4.5f deeggarsii taasifamuu himaniiru.

Deeggarsi namoomaa marsaa 2ffaan eegaluus Ambaasaaddar Shibbiruun himaniiru.

Dabalataanis filannoo marsaa 6ffaa ilaalchisee Boordiin Filannoo Ityoophiyaa paartiileen morkattoottaaf beekkamtiin laatameef hirmaannaa kan irratti taasisaan filannoo haqaa qabeessaa ta’ee gaggeessuuf qophiin taasifamaa jiraachuu himaniiru.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.