Fana: At a Speed of Life!

Ambaasaaddar Tashoomaa Toogaan Ityoophiyaatti Ambaasaaddara Beeljiyeemiifi Daayrektara Tumsa Misoomaa Ingiliz waliin mari’atan

Finfinnee, Guraandhala 22, 2015(FBC)- Komishinarri Komishinii Haaromsa Biyyaalessaa Ambaasaaddar Tashoomaa Toogaan Ityoophiyaatti Ambaasaaddara Beeljiyeem Kiraa Sandibajargifi Embaasii Ingiliziti Daayrektara Tumsa Misoomaa Paawol Waaltar waliin mari’ataniiru.

Kaayyoowwan, galmoota akkasumas milkaa’ina ergama komishinichaaf gahee dhaabbilee deeggartootaarratti Ambaasaaddar Tashoomaan ibsa bal’aa kennuu eeramuu ragaan Ministeera Nageenyaarraa argame ni mul’isa.

Marichaan biyyoonni lameen ijaarsa nageenya waaraa Ityoophiyaan eegalteefi komishinii haaromsaa keessumaa bu’uura waliigaltee nageenyaan loltoota duraanii deebisanii dhaabuufi qaama nageenyaafi misoomaa taasisuuf sochii taasifamu kan deeggaran ta’uu ibsameera.

#Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.