Fana: At a Speed of Life!

Ambaasaaddaronnii fi dippiloomaatonni biyyoota addunyaa garaagaraa irratti Ityoophiyaa bakka bu’aanaanaa Duugdatti hojii damee qonnaan hojjeetama jiru daawwatan

Finfinnee, Hagayya 24, 2012 (FBC)- Ambaasaaddaronnii fi dippiloomaatonni biyyoota addunyaa garaagaraa irratti Ityoophiyaa bakka bu’aan naannoo Oroomiyaatti godina Shawaa bahaa aanaa Duugdatti hojii damee qonnaan hojjeetama jiru daawwatan.

Daawwicharratti kan argaman preezdaantiin mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaan hojiiwwan damee qonnaan hojjeetama jiruurratti ibsa laataniiru.

Wabii midhaan nyaataa mirkaneessuu, oomishaalee qonnaa gabaa addunyaarratti barbaadaman oomishuun carraa hojii uumuuf xiyyeffannoon hojjetamaa akka jiru obbo Shimallis ambaasadaroota kanneeniif ibsaniiru.

Daawwannichi iddoowwan birottis akka itti fufuu himameera.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.