Fana: At a Speed of Life!

Ameerikaan buufatawwan waraanaa ijoo Iiraaqitti qabdu keessaa sadi gadi dhiisaa jirti

Finfinnee, Bitootessa 8, 2012 (FBC) – Ameerikaan buufatawwan waraanaa ijoo Iiraaqitti qabdu keessaa sadi gadi dhiisaa jirti.

 

Waraanni Yunaayitid Isteet torban dhufan kana keessatti buufata waraanaa ijoo Al Qaayim dabalatee kan birii lama gadhiisaa jiru jedhame.

 

Ameerikaan buufata waraanaa Iiraaq keessaa qabdu saddeet keessaa sadi gadhiisuuf jechuun ishee turtii biyyattii keessatti taasistu gabaabsuu akka maltu akeekeera.

 

Murtiin kun yeroo hariiroo biyyattiin mootummaa Iiraaq fi Iiraan waliin qabdu muddama keessa seenetti ta’uu dhaga’ame.

 

Torban kana keessa sagantaa Al Qaayimitti taasifamuun Ameerikaan nageenya isaanii akka kabachiisan deeggarsa meeshaalee waraanaa humnoota Iiraaqitti kennit jedhamee eegama.

 

Kana jechuun turtii Ameerikaan daangaa Iiraaqii fi Sooriyaa irratti qabaachaa turte xumura argata jechaadha.

 

Torbee darbe haleellaaan haaloo ba’uu Ameerikaan hidhattoota Iiraan irratti raawwatte namoonni 6 du’uun kan yaadatamuudha.

 

Buufanni waraanaa kun buufata baaburaa durii Iiraaqitti argamu irratti kan ijaarameedha.

 

Maddi : – BBC

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.