Fana: At a Speed of Life!

Ameerikaan duula farra shororkeessummaarratti Ityoophiyaa dabalatee biyyoota naannichaa waliin nan hojjedha jette

Finfinnee, Adoolessa 30, 2012 (FBC) – Ameerikaan duula farra shororkeessummaa Gaanfa Afrikaatti taasistuuf, Ityoophiyaa dabalatee biyyoota naannichaa waliin kan hojjettu ta’uu beeksiste.
 
Ameerikaatti ajajaan humna addaa Afrikaa Meejar Jnaraal Daaviigan Aandarsan ittisa weerara vaayrasii koroonaa fi duula farra shororkeessummaarratti miidiyaalee Afrikaatif intarneetidhaan ibsa laataniiru.
 
Shororkeessitoonnii fi finxaaleyyiin hanga hin badnetti duula farra shororkeessummaa hoomtuu hin dhaabu jedhan.
 
Baha Afrikaatti Al Shabaabii fi shororkeessitoota kaanirratti duulli gaggeeffamu cimee kan itti fufu ta’uu gaaffii Faanaa Broodkaastiing Koorporeet kaasef deebii laataniiru.
 
Duulichi Ityoophiyaa, Keeniyaa fi Gamtaa Afrikaatti Ergama Soomaaliyaa waliin kan hojjetamu ta’uu ibsan.
 
Humna Al Shabaab laaffisuun cinaatti, raayyaa ittisa biyyaa Soomaaliyaa cimsuun, duula farra shororkeessummaa biyyootaa ni utubna jedhan.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
 
Silaabbaat Mannaayyeetu gabaase
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.