Fana: At a Speed of Life!

Ameerikaan Israa’elii fi Hamaas gidduutti dhukaasni akka dhaabattuuf waamicha dhiyaate fudhatama dhabsiiste

Finfinnee, Onkololeessa 20, 2016 (FBC)- Ameerikaan Israa’elii fi Hamaas gidduutti dhukaasni akka dhaabattuuf waamicha idiladdunyaa dhiyaate kan hinfudhanne ta’uu beeksiste.

Dubbii Himaan Nageenya Biyyaalessaa Ameerikaa Joon Keerbiin dhukaansi Israa’elii fi Hamaas gidduutti haa dhaabbatu jechuuf yeroo sirrii miti jedhan.

Dhukaasa dhaabuurraa deeggarsaa namoomaa Gaazaa qaqqabsiisuu galma taasifachuun filmaataa fooyya’aadha jedhan.
Yeroo ammaas lammiilee Gaazaa keessa jiraataan miiliyoona 2.2’f deeggarsi namoomaa taasifame gadaanaa ta’uun gabaafamaa jira.

Dabalataan konkolaattooni gama Ijibtiin akka galan amantaa qabaachuu ibsaniiru.

Waashingitan konkolaattota deeggarsa namoomaa fe’anii guyyuu gara Gaazaa seenan gara 100’tti guddisuuf Israa’eel waliin mari’achuu dubbataniiru.

Israa’eel gama isheen “Hamaas hanga badutti dhukaasa dhaabi wanti jedhamu hinjiru” jechuun eejjennoo ishee beeksisuu BBC’n gabaaseera.

Sababa walitti bu’iinsa Israa’elii fi Hamaasiin hanga ammaatti Filisxeemonni kuma 8 fi 300 du’aaf yoo saaxilaman, Israa’eloonni kuma 1 fi 400 waraanichaaf saaxilamuu himaniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.