Fana: At a Speed of Life!

Ameerikaan Kooriyaan Kaabaa Misaa’ela furguggisuun dura sirna akeekkachiisa duraa kennu diriirsuufi

Finfinnee, Sadaasa 21, 2015 (FBC)– Kooriyaa Kaabaarraa misaa’eloonni furguggifamuun dura sirna akeekkachiisa duraa kennu diriirsuuf ta’uu Ameerikaan beeksisfte.

Guyyaa kaleessaa dhaabbanni qorannoo qilleensaa fi hawaa Micheel jedhamuu kan Waashingitanitti argamu marsariitiin qaamolee dhimmichi ilaallatu waliin mari’ateera.

Marii gaggeeffameen Ittigaafatamaan Ajaajaa Dhaabbataa Humna Hawaa Ameerikaa haaraa hundeeffamee Jeneraal Jaamsi Diikinsan hirmaataniiru.

Jeneraal Jeemsi Diikinsan Hindii naannawaa Paasifikitti misaa’eloota kamuu yaaliif kanneen Kooriyaa Kaabaarra furguggifaman hojmaata akeekkachiisa duraa kennuu eegalleerra jedhan.

Karoora tajaajilichaas bal’inaan dhiyeessuu RT’n gabaaseera.

Karoorri Ameerikaa kunis misaa’ela Ameerikaa rukutuu danda’uu kan qabdu Kooriyaa Kaabaarraa of ittisuuf qofa utuu hintaane, foolii misaa’elaa fuudhuun haleellaan raawwatamuun dura biyyoota michoota ishee naannawichaaf odeeffannoo kennuuf ta’uu eeraniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Or/omo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.