Fana: At a Speed of Life!

Ameerikaan meeshaalee waraanaa Doolaaraa biiliyoona 1 baasu Yuukreeniif deeggarsa taasiisuuf murteessite

Finfinnee, Hagayya 2, 2014 (FBC) – Ameerikaan meeshaalee waraanaa Doolaaraa biiliyoona 1 baasu Yuukreeniif deeggarsa taasiisuuf murteessiteerti.

Deeggarsicha meeshaalee waraanaa fageenyaarraa dabalatee konkolaattoota, Misaa’eeloota, meeshaalee waraanaa gurguddoo fi Rasaasa kan hammate ta’uu ibsameera.

Deeggarsichi Misaa’eeloota ammayyaa lafarraa samiitti furgugamanii fi konkolaattoota sibiila uffatan AM 113 jedhaman 50 kan of keessatti hammateedha jedhame.

Erga waraanni Raashiyaa fi Yuukreen gidduutti eegalamee deeggarsi meeshaalee waraanaa Ameerikaan Yuukreeniif taasiifte Doolaara biiliyoona 8.8 ga’uus himameera.

Raashiyaan, Waashiingitan meeshaalee waraanaa ammaayyaa kanneen Yuukreeniif deeggarsa taasiisuuf murteessuun ishee walitti bu’iinsichi caalmaatti akka cimu fedhii qabdu agarsiisa jechuu ishee Rooyitarsi gabaaseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.