Fana: At a Speed of Life!

Ameerikaan qoqqobbii dabalataan Iraan irra kaa’uufi

Finfinnee, Ebla 9, 2016 (FBC)- Ameerikaan guyyoottan ittaanaan keessatti qoqqobbii dabalataa Iraan irra akka keessuu ibsite.

Gorsaan Dhimma Nageenya Biyyaalessaa Ameerikaa Jeek Suliivaan akka ibsaniitti, Ameerikaan sagantaa Diroonii fi Misaa’eela Iraanirratti xiyyeffateerratti qoqqobii ni keessi.

Akkasumas Ameerikaan, qaamota Eegdota Warraaqsaa fi Ministeera Ittisaa Iraan deeggaran irrattis qoqqobbii kan keessu ta’uu akeekkachiisaniiru.

Haleellaa Iraan Israa’el irratti raawwatte hordofee deebii kennuuf Pireezidaantiin Ameerikaa Joo Baayideen biyyoota miseensa Garee 7 waliin mari’achaa jiraachuun ibsameera.

Ameerikaan Biyyoota Baha Giddugaleessaa keessatti sirna akeekkachiisa dursaa fi qolannaa haleellaa qilleensaa ijaaruu eeruun, kunis misaa’eloonni Iraan Baha Giddugaleessaatti furguggistu bu’aa qabeessaa akka hintaanee taasisa jedhameera.

Qoqqobbiiwwan haaraan Iraan irraa kaa’aman dandeetti Humna Waraana Iraan kan laaffisuu fi meeshaa waraana ishee to’achuuf akka gargaruu gabaafameera.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii https://www.facebook.com/afaanoromoofana

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.