Fana: At a Speed of Life!

Ameerikaan shira xaxamaa jiru qolachuuf hojii baayy’eetu irraa eeggama – Baaraak Oobaamaa

Finfinnee, Sadaasa 7, 2013 (FBC) – Shira Ameerikaa qoqqooduuf xaxamaa jiru qolachuuf hojiin hedduun hojjetamuu akka qabu Preezdaantiin duraanii Ameerikaa Baaraak Huseen Oobaamaan ibsan.
Preezdaant Tiraamp erga Ameerikaa bulchuu eegalaniin Ameerikaan caalmaatti gara qoqqoodamuutti seenuu ishee Oobaamaan ibsaniiru.
Joo Baaydan filannoo Ameerikaa 2020 moo’achuun isaanii Ameerikaa qoqqoodamtee turte gara tokkummaatti ni fidu jedhan.
Ameerikaa tokkummeessuuf barri filannoo tokko qofti ga’aa ta’uu eeraniiru.
Murtoo Ameerikaa tokkummeessuu qaamoolee siyaasaa qofaaf dhiisuun hin barbaachisu kan jedhan Baaraak Oobaamaan jijjiirrama caaseeffamaa fiduuf qaamni hundi ga’ee isaa ba’uu akka qabu eeraniiru.
Dhugaa waloo jirurratti maaltu hojjetamuu qaba dhimma jedhurratti gara mormiitti seenuun dura walii galuun barbaachisaadha jedhan.
Ammas abdii guddaan muul’ataa jiraachuu kan ibsan Baaraak Huseen Oobaamaan, dhaloota haaraa birratti ilaalchi gaariin jiraachuu kaasaniiru.
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.