Fana: At a Speed of Life!

Ameerikaan Taayiwaaniin haleellaa Chaayinaa  irraa  ni ittisti- Joo Baayidan

Finfinnee, Fulbaana 9, 2015(FBC)- Chaayinaan Taayiwaan irratti haleellaa kan raawwattu yoo ta’e Ameerikaan Taayiwaanii haleellicharraa kan ittistu ta’uu Pireezidaantiin Ameerikaa Joo Baayidan ibsan.

Pireezidaant Joo Baayidan turtii televizhiinii CBC waliin taasisaniin, Chaayinaan Taayiwaan irratti haleellaa kan raawwattu yoo ta’e Ameerikaan haleellicharraa Taayiwaaniin ni ittisti jedhan.

Loltoonni Ameerikaa Taayiwaaniin ittisuuf kallattiin kan hirmaatan ta’uu dubbataniiru.

Ibsi Joo Baayidan hedduu biratti imaammanni Ameerikaan Taayiwaan irratti qabdu jijjiirameera jechuun ijoo dubbii ta’eera.

Waayit Hawus ibsa pireezidaantichaa ilaalchisee ibsa baaseen, imaammanni Ameerikaan Taayiwaan irratti qabdu kan hin jijjiiramne ta’uu eereera.

Waayit Hawus ibsasaan, Ameerikaan “immammata Chaayinaa Tokkoo” kan kabajju ta’uufi Taayiwaan dabalatee bulchiinsonni Chaayinaa biroon Beejiingiin kan hogganaman ta’uu beekamtii kenneera.

Gama biraan Taayiwaan birmadummaa ishee ofiisheen kan murteessituufi Ameerikaan dhimmicha gidduu kan hin seenne ta’uu ibseera.

Joo Baayidan kanaan duras Beejiing Taayiwaan irratti haleellaa kan bantu yoo ta’e Ameerikaan Taayiwaaniin ittisuuf qophii ta’uu dubbachuu isaanii RTn gabaasa isaan yaadachiiseera.

Baatii Hagayyaa darbe Af-Yaa’iin Ameerikaa Naansii Peeloosiin erga Tayiwaaniin daawwatanii as muddamni Waashingitaniifi Beejiing akkuma hammaatetti itti fufeera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.