Fana: At a Speed of Life!

Ameerikaan talaallii Covid-19 Moderna faayidaarra akka oolu eeyyamte

Finfinnee, Muddee 10, 2013 ( FBC) – Ameerikaa talaallii vaayrasii koroonaa dhaabbata ‘Moderna’ jedhamuun hojjetamee faayidaarra akka ooluuf eeyyamteetti.
Bulchiinsi Qorichaa fi Soorataa Ameerikaa (FDA) talaallii Pfizer/BioNTech erga eeyyamee torban tokko booda talaallii saffisaan rabsamuuf jiru kanaaf eeyyama laatera.
Ameerikaan talaallii Moderna achuma Ameerikaatti omishame doozii miiliyoona 200 bitachuu kan barbaadduu yoo ta’u, dhaabbatichi doozii miiliyoona 6 raabsuuf qophii ta’uu himameera.
Talaallichi dandeetti vaayrasii koroonaa namootarra ittisuu %94 akka qabuu ni himama.
Ameerikaatti namoonni miiliyoonni 17.5 vaayrasichaan yoo qabaman, kumni dhibbi 3 kumni 13 ammoo lubbuun isaanii darbeera.
Maddi:-BBC
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.