Fana: At a Speed of Life!

Appilikeeshinii beelladoota manaaf nyaata dhiyeessuurratti komiin dhiyaate

Finfinnee, Gurraandhala 18, 2012 (FBC) – Fayyadamtoonni appilikeeshinii beelladoota manaaf nyaata dhiyeessuurratti komii kaasan.

Appilikeeshinichi bilbiloota ammayyaa’oon ergaa isaa qaqqabuun beelladootaaf nyaata ni dhiyeessa.

Yaa ta’u malee appiliikeeshinichi rakkoo tibba kana isa mudateen seeraan  beelladootaaf nyaata dhiyeessuu  dhabuu isaatiin komiin irratti ka’eera.

Teeknooloojii beelladoota manaa sooruuf gargaaruu kana fayyadamtoonni faayidaa nu laata jechuun bitanis, rakkoo isa mudateen tajaajila ga’aa laachaa akka hin jirree himaniiru.

Sababa kanaan beelladoonni beelaaf saaxilamaa jiru jedhameera.

Gatiin appilikeeshinii kanaa  Yuuroo 222 jedhameera.

Maddi:-BBC

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.