Fana: At a Speed of Life!

Appilikeeshiniin walbichiisisaa feesbuukii hawaasa Ityoophiyaaf eegale

Finfinnee, Onkololeessa 2, 2013 (FBC) – Appilikeeshiniin walbichiisisaa feesbuukii hawaasa Ityoophiyaaf eegale.

Dhaabbanni Feesbuukii tumsa marsariitii feesbuukiin oomishaalee hojjetaman gurguruu fi bittuu kan dandeesisu appilikeeshiniin walbichiisisaa feesbuukii hawaasa Ityoophiyaaf eegalu beeksise.

Fesbuukiin waltajjii walbichiisaa lammiileen Ityoophiyaa oomisha barbaadaan haala salphaan tumsa marasariitiwwan feesbuukiin bituu fi gurguruu danda’u jedhameera.

Ityoophiyaatti dhuma baatii kanaa eegaluun suuta suuta waliin akka ga’amu yoo ta’u, hanga baatii dhuma Sadaasaatti guutummatti akka eegalu ibsameera.

Eegaluu tajaajilicha ilaalchisuun Hogganaan Olaanaa Feesbuukii Gaanfa Afrikaa fi Gaanfa Afrikaatti Imaammata Hawaasaa Meersii Nidigwaa gabaa elektirooniksii Ityoophiyaatti guddachaa dhufe tumsuuf waltajjii walbichiisa feesbuukii eegalchiisuu isaanitti gammaduu ibsaniiru.

Qajeelfama appilikeeshinichaa dabalatee odeeffannoo dabalataaf marsariitii armaan gadii irraa argachuu dandeessu.

https://www.facebook.com/marketplace/learn-more/buying?__tn__=-UK-R

 

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.