Fana: At a Speed of Life!

Arsii Lixaatti lafti hektaarri kuma 544 ol qonnaa Gannaan misoomaa jira

Finfinnee, Fulbaana 30, 2016 (FBC)- Godina Arsii Lixaatti lafti hektaarri kuma 544 ol midhaan akaakuu garagaraan qonna Gannaan misoomuun himame.

Godinichatti karoora imala badhaadhinaa giddugaleeffachuun badhaadhina maatii fi biyyaa akkasumaas wabii nyaataa mirkaneessuu fi oomisha alatti erguun galii argamsiisuuf xiiqiin hojjatamaa jiraachuun eerameera.

Barana akka Godina Arsii Lixaatti lafa hektaara kuma 544 fi 801 qonna Gannaatiin uwwifamee misoomuu eeranii, kana keessaa hektaarri kuma 170 ol qamadiin kan uwwifame ta’uun himameera.

Oomisha qamadii kuntaala miliyoona 7tti siquu argachuuf karoorfamee hojjatamaa jiraachuu Ittaanaa Itti Gaafatamaa Waajjira Qonna Godinichaa Obbo Ibsaa Gammadaa eeraniiru.

Bulchaa Godinichaa Obbo Ahmad Hajji gama isaaniin aka godinichaatti, sagantaa misooma qonnaa ammayyaawaa diriirsuu fi hojiirraa oolchuun qamadii biyya alaatti erguun akka danda’ame himuuniiru.

Akkuma bara darbee baranas qamadii biyya alaatti erguuf xiiqiidhaan hojjatamaa jiraachuu dubbataniiru.

Biqilaa Tufaatu gabaase.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.