Fana: At a Speed of Life!

Artiist Jambaree Balaay boqate

Finfinnee, Gurraandhala 5, 2012 (FBC) – Artiist Jambaree Balaay boqate.
 
Artiist Jambaree Balaay waggoota 40 oliif artiistummaan tajaajileera.
 
Artiistichi naannoo Amaaraa Goojjaamitti bara 1933 kan dhalate yammuu ta’u, abbaa durboota lamaa fi dhiirota afurii ture.
 
Bara 1949 amma 1953tti Waldaa Hagar Fiqir yeroo sanaa, Tiyaatira Hagar Fiqir ammaa, 1953 amma 1988 Tiyaatira Biyyoolessaatti taatummaan hojjechaa tureera.
 
Tiyaatirootaa fi taphoota waltajjii, diraamaa raadiyoo fi televiizhinii hedduurratti hirmaachuun tajajailaa tureera.
 
Dhukkubsatee deeggarsa yaalaa argachaa turus umrii isaa waggaa 79ffaatti boqateera.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.