Fana: At a Speed of Life!

Avokaadoo toonii 300 alatti erguuf karoorfamee – BQO

Finfinnee, Onkololeessa 5, 2015 (FBC) – Avokaadoo toonii 300 alatti erguuf karoorfamuu Biiroon Qonnaa Oromiyaa beeksiise.

Omishni avokaadoo wabii nyaataa mirkaneessuurra darbee madda galii guddaa ta’uun diinagdee nama dhuunfaas ta’e biyyattii utubaa jiraachuu Biirichi ibseera.

Oomishni avokaadoo waggoota baay’eef bifa qindaa’ee fi karoora gabaa biyya alaatiif dhiyeessina jedhuun adeemsifamaa hinturre jedhan Itti aanaa Hogganaan biiroo Qonnaa Oromiyaa Obbo Mahaammadsaanii Amiin.

Oomishni kun gabaa biyya keessaa fi alaatti daran kan barbaadamu ta’uun erga hubatamee as garuu xiyyeeffannaan kennamee fi irratti hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.

Yeroo ammaa qonnaan bultoonni oomisha avokaadoo kana bifa kilaastaraan oomishaa jiraachuuhimaniiru.

Waggoota afran darbanitti hojiin biqiltuu sanyii filatamaa avokaadoo qopheessuu fi qonnaan bultootaaf dhiyeessuu bal’inaan raawwatamaa turuu eeraniiru.

Hanga dhaabbii biqiltuu bara 2014tti biqiltuun sanyii filatamaa avokaadoo sadarkaa addunyaatti barbaadamu lafa hektaara kuma 10 irra kan dhaabbachuu kaasaniiru.

Oomishnisaa bara darberraa eegalee gabaa alaatiif dhiyaachaa fi bu’aa guddaa argamsiisaa jiraachuu dubbataniiru.

Omisha avokaadoo qulqullinnasaa eegamee alatti kan argamu %50 ta’uu himuun, kan hafe gabaa biyya keessaatiif dhiyaachaa jiraachuu ibsaniiru.

Maddi:-DhPI.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.