Fana: At a Speed of Life!

Awustiraaliyaan waggoota 41 booda daballii gatii olaanaa keessummeessite

Finfinnee, Caamsaa 10, 2014 (FBC)- Awustiraaliyaan erga bara Faranjoota 1981 as daballii gatii olaanaa mudatee hin beekne keessummeessuushee Biiroon Istaatiistiks biyyattii ibseera.

Biyyattiin baatii Eebila hangi daballii gatii galmeessitee %7.2 ta’uu beekameera.

Daayreektarri olaanaan Biiroo Istaatiistiks biyyattii Toobiyaas Toomaas ibsa laataniin, gatiin dhiyeessii humnaa fi boba’aa dabaluun akkasumas daballii gatii meeshaalee nyaataa shooraa olaanaa qabu jedhaniiru.

Mootummaan Awustiraaliyaa daballii gatichaa dandamachiisuuf bara Faranjootaa dhuma baatii Caamsaarratti doolaara Ameerikaa biiliyoona 2.1 ramaduun dhiyeessii humna elektirikaa fi gaaziirratti sirreeffama gibiraa taasisuun tarkaanfiiwwan fidhachuu Shiinwaan gabaaseera.

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.