Fana: At a Speed of Life!

Ayarlaand ejjennoo dogoggoraa Ityoophiyaarratti qabdu akka sirreessituuf yaaliin taasifamaa jira jedhame

Finfinnee, Sadaasa 23, 2014 (FBC) – Mootummaan Ayarlaand ejjennoo dogoggoraa Ityoophiyaarratti qabu akka sirreessuuf yaalii qindaa’aan dippiloomaasii taasifamaa jiraachuu Ayarlaanditti miseensonni hawaasa diyaaspooraa Ityoophiyaa ibsan.

Haala yeroo kaaba Ityoophiyaa ilaalchisee ejjennoo mootummaan Ayarlaand qabate dogoggora ta’uu ibsameera.

Mootummaan Ayarlaand dhugaa qabatamaa Ityoophiyaa akka hubatuuf koreen ‘Vooyis Foor Ityoophiyaa Ayarlaand’ jedhamu Mudde 2013 hundaa’ee hojiitti galamuu eerameera.

Ejjennoo dogoggoraa mootummaan Ayarlaand Ityoophiyaarratti qabate akka sirreessuuf miseensota paarlaamaa biyyichaaf irra deddeebiin xalayaa barreessuu fi hojiin mariisisuu hojjetamaa jiraachuu miseensonni kunneen kaasaniiru.

Hojii hojjetamaa jiruun mootummaa fi aanga’oonni Ayarlaand dhugaa qabatamaa Ityoophiyaa hubachuuf fedhii agarsiisuu ibsaniiru.

Miidiyaaleen biyyattii gabaasa madaalawaa hin taane Ityoophiyaarratti hojjetanis jijjiirama agarsiisaa jiraachuu kaasaniiru.

Maddi:- TOI

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa

argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.