Fana: At a Speed of Life!

Ayyaana Qillee sababeeffachuun maanguddoota dhaabbata tola ooltotaa Meqdooniyaaf deeggarsi Birrii miiliyoona 27 taasifame

Finfinnee, Muddee 28, 2014 (FBC)- Ayyaana Qillee sababeeffachuun maanguddoota dhaabbata tola ooltotaa Meqdooniyaaf deeggarsi Birrii miiliyoona 27 taasifameera.

Komishiniin Gumurukaa Federaalaa fi Ministeerri Dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaa ayyaana Qillee sababeeffachuun maanguddoota dhaabbata tola ooltotaa Meqdooniyaaf sagantaa maaddii qooduu qopheessaniiru.

Sagantaa kanarraatti komiishinarri komiishinii Gumurukaa Dabalee Qaabataa,Ministirri  Ministeera Dubartootaa fi Hawaasummaa Dooktar Ergoogee Tasfaayee fi keessummoonni gara garaa argamaniiru.

Lammiilee rakkoo gara garaaf saaxilamuun daandiirratti kufanii jiran ol qabuun gaaddisa ta’uufiin hojii eebbifamaa ta’uu komiishinarri Komishinii Gumurukaa Dabalee Qaabataa himaniiru.

Hojiin dhaabbatichi hojjetu hojii fakkeenyummaa qabuu fi lammiileef qaqqabuu waan ta’eef komiishinichi deeggarsa barbaachisaa akka taasisu dubbataniiru.

Komishinichi ayyaana Qillee sababeeffachuun maaddii qooduun cinatti, meeshaalee garaagaraa Birrii miliyoona 27 fi kuma dhibba.4tti shallagamu deeggarsa taasiseera.

Komiishinichi hanga ammaatti maallaqaa fi akaakuun Birrii miiliyoona 102 deeggarsa taasisuu fi fuulduraattis kan itti fufu ta’uu komishinar Dabaleen eeraniiru.

Ministirri Ministeera Dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaa Dooktar Ergoogee Tasfaayee gamasaaniin, jaalala Yesuus kiristoos nutti agarsiise nuti ammoo walii keenyaaf qabaachuun kan kufe olqabnee, kan beela’e beela baasuun hojii waaqa biratti fudhatama qabuu fi boqonnaa sammuu nuuf kennu hojjechuu qabnaa jedhaniiru.

Ityoophiyaanonni duudhaa wal gargaarsaa qabnuun lammiilee rakkoof saaxilamaniif qaqqabuu qabna jechuun dhaamuu isaanii ragaan Ministeera Galiiwwaniirraa argame ni mul’isa..

Ityoophiyaa :- Misoomsuuf, Ijaaruuf, Yaa qophoofnu!!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.