Fana: At a Speed of Life!

Ayyaana Qilleef tajaajila qalmaa qulqullinaa fi fayyummaa isaa eege kennuuf qophiin taasifameera

Finfinnee, Muddee 27, 2014 (FBC)- Ayyaana Qilleef tajaajila qalmaa qulqullinaa fi fayyummaa isaa eege kennuuf qophiin taasifamuu Dhaabbanni Qalmaa magaalaa Finfinnee beeksise.

Ayyaanichaaf hoolonni , re’oonnii fi horiin gaafaa kuma 5 ol qophaa’uu ogeettiin kominikeeshinii dhaabbatichaa aadde Ribqaa Maasrashaa ibsaniiru.

Foon qulqullinni fi fayyummaan isaa eegame hawaasaaf dhiyeessuuf giddugalli qalmaa qophaa’uu kaasaniiru.

Giddugalliwwan kanneen vaayrasii koroonaa fi dhibeewwan biroorraa ittisuuf  keemikaalaan qulqullaa’uu fi ogeessonni tajaajila qalmaa taasisan qorannoo fayyaa taasisuu eeraniiru.

Ayyaanicha hordofee daballii gatii uumamu hir’isuuf manneen foonii 4 mooraa dhaabbatichaa keessatti qophaa’uu ibsaniiru.

Walitti qabaan daldaltoota foonii magaalaa Finfinnee obbo Ayyalaa Saahilee gamasaaniin, diyaaspooraawwan ayyaana qillee kabajuuf alaa galaniif foon fayya qabeessa fi   sirna aadaa eeggatee dhiyeessuuf qophii ta’uu kaasaniiru.

Daldalaan foon hawaasaaf dhiyeessu kamuu fooyya’iinsa gatii kan hin taasisne ta’uu fi hanqinni foonii kan hin uumamne ta’uu ibsaniiru.

Maddi:- TOI

Ityoophiyaa :- Misoomsuuf, Ijaaruuf, Yaa qophoofnu!!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.