Fana: At a Speed of Life!

Ayyaana waggaaf meeshaaleen bu’uraa ga’aa ta’e dhiyaate

Finfinnee, Muddee 24, 2012 (FBC) – Eejansiin Waldaalee Hojii Gamtaa Magaalaa Finfinnee ayyaana Qilleef meeshaalee bu’uraa ga’aa ta’e dhiyeessuu beeksise.
 
Eejansichi yuuniyeenota naannolee waliin ta’uun oomishaalee qonnaa dhiyeessaa jiraachuu daayreektarri olaanaa eejansichaa obbo Gizaachaw Alii ibsaniiru.
 
Haaluma kanaan yuuniiyeenota naannolee Oromiyaa, Amaaraa fi waldaalee hojii gamtaa naannoo Kibbaa irraa oomishaaleen qulqullinni isaanii olaanaa ta’e dhiyaachaa jiraachuu himaniiru.
 
Gabaa ayyaana Qilleef qullubbii, xaafii, barbaree fi zayita gatii madaalawwan dhiyeessuu isaa obbo Gizaachaw ibsaniiru.
 
Akkasumas killee, daakuu fi mi’eessituuwwan adda addaas gatii giddu galeessan dhiyeessuu isaa himaniiru.
 
Dabalataan eejansichi kutaalee bulchiinsa magaalaa Finfinnee 5 keessatti agarsiisaa fi baazaarii qopheessuu dubbataniiru.
 
Eejansichi suuqota 800, dhaabbilee ummataa 205 fi manneen foonii 200 keessatti tajaajila kennaa jira jedhan obbo Gizaachaw.
 
Tajaajila hawaasaaf kennuu cinaatti harka qalleeyyii fi daa’imman kuma 1 oliif dhaabbiin deeggarsa taasiisaa akka jirus ibsaniiru.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.