Fana: At a Speed of Life!

Ayyaanni Cuuphaa karaa nagaan kabajamuu Komishiniin Poolisii Federaalaa beeksiise

Finfinnee, Amajjii 11, 2013 (FBC) – Poolisii fi ummanni qindoominaan hojjennaan rakkoon nageenyaa uumamu kan hin jiraanne ta’uu Komishiniin Poolisii Federaalaa beeksiiseera.

Poolisiin Federaalaa, naannolee, bulchiinsoota magaalaa Finfinnee fi Dirree Dawaa, tajaajila nageenyaa fi odeeffannoo biyyaalessaa, qaamolee haqaa fi ummataa waliin hojiin qindoomina qabu hojjetamuu isaan Ayyaanni Cuuphaa rakkoo nageenyaa tokko malee guutuu biyyattiiti karaa nagaan kabamee ooluu komishinich ifoomseera.

Jala bultii eegalee hojiin nageenyaa qindoominaan hojjetamuu komishinichi ibsa galgala kana baaseen himeera.

Miseensonnni raayyichaa nageenya ummataa dursuun ergama itti laatame dadhabbii tokko malee ga’umsaan ba’uu ibseera.

Dureewwan amantaa, bulchitoonni manneen amantaa, qindeessitoonni ayyaanichaa, hawaasni Kiristiyaanaa fi dargaggoonni gumaachi isaan taasiisan daraan olaanaa ta’uu komishinichi ibsa isaan eereera.

Ayyaana guyyaa boruu kabajamurratti tumsa walfakkatu taasiisuu akka qaban komishinichi waamicha taasiiseera.

Milkaa’iina kabaja ayyaannichaaf miseensota Poolisii Federaalaa, naannolee, bulchiinsoota magaalaa Finfinnee fi Dirree Dawaa, tajaajila nageenyaa fi odeeffannoo biyyaalessaa, qaamolee haqaa fi ummataa tumsa olaanaa taasiisan galateeffateera.

Akka guyyaa har’aatti Poolisii fi ummanni qindoominaan hojjennaan rakkoon nageenyaa uumamu kan hin jiraanne ta’uu komishinichi ibsa isaan mirkaneesseera.

Fuula Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf;

Teelegraama Keenya Https://T.Me/Afanoromofana Subiskiraayib Godhaa.

Karaa Yuutyuubii Keenyan Nu Hordofuuf FBC Afaan Oromoo Https://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/ Subiskiraayib Godhaa.

Karaa Marsariitii (Weebsaayitii) Keenya Fanabc.Com/Afaanoromoo Nu Hordofaaa.

Twiitara Keenya Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa

Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna!

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.