Fana: At a Speed of Life!

Baankichi Tajaajila Bittaa fi Gurgurtaa Duubee Teeknooloojiin deeggarame beeksiise

Finfinnee, Amajjii 2, 2015 (FBC) – Baankiin Daashin Tajaajila Bittaa fi Gurgurtaa Duubee Teeknooloojii ammayyaan deeggarame beeksiiseera.

Hawaasni Tajaajila Bittaa fi Gurgurtaa Duubee kanaan Duubeen waan barbaadan bitachuun turanii kaffaluuf kan dandeessisu ta’uu eerameera.

Baankiin Daashin Teeknooloojii Eegil Laayinii fi dhaabbilee garaagaraa waliin ta’uun hawaasni meeshaalee dhaabbii fi dhumataa baatiwwan 3, 6 fi 12 keessatti kan deebi’u dhaalaa fi dhala maleen Duubeen bitachuuf kan dandeessisu ta’uu eerameera.

Tajaajilichi dhiibbaa jireenyaa hawaasaa hir’isuurra darbee Bittaa fi gurgurtaan hawaasa daldalaa akka dabaluu fi Diinagdeen biyyaa akka onnatu qooda olaanaa qabaachuu Hojii Raawwachiisaa Olaanaan Baankii Daashin Asfaaw Alamuun ibsaniiru.

Beetaliheem Makuwaanintu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.