Fana: At a Speed of Life!

Baankii Hojii Gamtaa Oromiyaa sagantaa qusadhaa badhaafamaa marsaa 1ffaatin abbootii carraaf badhaasa laate

 

Finfinnee, Onkololeessa 16, 2014 (FBC)- Baankii Hojii Gamtaa Oromiyaa sagantaa qusadhaa badhaafamaa marsaa 1ffaatin abbootii carraaf badhaasa laateera.

Baankiin Hojii Gamtaa Oromiyaa humna faayinaansii qonnaan bultootaa fi horsiisee bultootaa gabbisuuf sagantaa qusadhaa badhaafamaa marsaa 1ffaa qopheessee tureen namoota carraan baheef  badhaasa isaanii kennefi jira.

Badhaasa kennaman keessaatti Tiraaktaroonni,doqdooqqee fi bilbiilli sochootu keessatti argamu.

Itti aanaan Preezdaantiin Baankii Hojii Gamtaa Oromiyaa obbo Gaaddisaa Maammoo, baankichi qonnaan bultootaa fi horsiisee bultoota fayyaduuf hojiiwwan qusannoo fi kanneen biroo hojjechaa akka jiru fulduuraaf ammoo sagantaan qusadhaa badhaafamaa marsaa 2ffaa akka jalqaban himaniiru.

Badhaafamtoonni gama isaaniitiin qusannee badhaafamuu keenyatti gammanneerra jechuun warri kaaniis akka qusatan dhaamaniiru.

Daagimaawwi Deeksisaatu gabaase

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.