Fana: At a Speed of Life!

Baankiin Addunyaa Ityoophiyaadhaf deeggarsa Doolaara miiliyoona 63 raggaasise

Finfinnee, Caamsaa 14, 2012 (FBC) – Baankiin Addunyaa Ityoophiyaadhaf deeggarsa Doolaara miiliyoona 63 raggaasise.
 
Baankiin Addunyaa Ityoophiyaa dabalatee biyyoota Afrikaa afuriif ittisa weerara awwaannisaa, wabii nyaataa mirkaneessuu fi jireenya lammiilee fooyyessuuf deeggarsa Doolaara Ameerikaa miiliyoona dhibba 1 fi miiliyoona 60 raggaasiseera.
 
Baankichi sagantaa deeggarsaa ragga’e kanaan biyyoota Afrikaa fi baha jiddugaleessatiif waliigalaan deeggarsa Doolaara miiliyoona 500 raggaasiseera.
 
Marsaa jalqabaatin Ityoophiyaa, Jibuutii, Keeniyaa fi Yugaandaan deeggarsa Doolaara miiliyoona dhibba 1 fi miiliyoona 60 argatu.
 
Preezdaantiin garee Baankii Addunyaa Daaviid Maalpaas biyyoonni kanneen weerara vaayrasii koroonaas ittisuuf hojjechaa jiraachuu beeksisaniiru.
 
Sababii vaayrasichaatin sochiin hawaasummaa fi diinagdee kan duriirra qabbanaa’uus ibsaniiru.
 
Baha Afrikaatti namoonni wabii nyaataa hin mirkaneeffatin miiliyoona 22.5tu jiras jedheera baankichi ibsa baasen.
 
Kanneen keessaa namoonni miiliyoonni 10.8 qayee fi qabeenya isaanitirraa kan buqqa’anidha.
 
Jalqaba bara Faranjootaa 2020tti weerarri awwaannisaa biyyoota baha Afrikaa, baha jiddugaleessaa, Eesiyaa Kibbaa 23 waliin ga’uun miidhaa qaqqabsiisera.
 
Deeggarsa laatameen Ityoophiyaan Doolaara miiliyoona 63, Jibuutiin Doolaara miiliyoona 6, Keeniyaan Doolaara miiliyoona 43, Yugaandaan ammoo Doolaara miiliyoona 48 argatu.
 
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.