Fana: At a Speed of Life!

Baankiin Awaash dhaabbilee garaagaraaf deeggarsa Birrii miiliyoona 17.9 taasiise

Finfinnee, Caamsaa 11, 2013 (FBC) – Baankiin Awaash dhaabbilee garaagaraaf deeggarsa Birrii miiliyoona 17.9 taasiisuu beeksiise.
Baankichi dirqama hawaasummaa isaa ba’uuf sagantaa deeggarsaa har’a Hoteela Intarnaashinaalii Iliilliiti gaggeeffameen dhaabbileewwan deeggarsa barbaadaniif deeggarsa maallaqaa taasiiseera.
Waldaa biyyaalessaa qaroo dhabeeyyii Ityoophiyaa, Faawundeeshinii Dooktar Nagaasoo Gidaadaa dabalatee dhaabbilee garaagaraaf waliigala deeggarsa Birrii miiliyoona 17.9 taasiisuu ibsa Faanaa Broodkaastiingi Korporeetiif ergeen beeksiiseera.
Baankiin Awaash Proojektii Shaggar miidhagsuuf Birrii miiliyoona 15, Proojektii maaddii biyyaa Wancii, Gorgoraa fi Kooyishaaf Birrii miiliyoona 30, ittisa weerara vaayrasii koroonaaf Birrii miiliyoona 10 deeggarsa taasiisuu fi ijaarsa Hidha Haaromsaaf Boondii Birrii miiliyoona 25 bituun isaa kan yaadatamuudha.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.