Fana: At a Speed of Life!

Baankiin Daldalaa Itiyoophiyaa Birrii miiliyoona 622 ol deebisiise

Finfinnee, Bitootessa 16, 2016 (FBC)-Baankiin Daldalaa Itiyoophiyaa sababa rakkoo siistamaa mudateeniin Birrii seeraan ala fudhatamee ture miiliyoona 801 ol keessaa Birrii miiliyoona 622.9 ol deebisiisuu beeksise.
Pireezidaantiin Baankichaa Obbo Abbee Saanoo ibsa kennaniin rakkoo siistamaa mudateen Birriin miiliyoonni 801 fi kuma 417 fi 747 kan fudhatame ta’uu eeran.
Rakkoo mudateen lakkoofsaa herreegaa kuma 25 fi 761’n bittaa fi gurgurtaan seeraan alaa kuma 238 fi 293 gaggeeffamuu kaasaniiru.
Rakkochi mudachuun erga beekamee sochiin hojii baankicha yeroof addaan dhaabbachuu fi lakkoofsaa herrega baankii daddabarsaa maallaqichaarratti hirmaataan ugguruun hamma miidhaa ga’uu maluu hir’isuun akka danda’me ibsaniiru.
Namoonni kuma 9 fi 281 maallaqaa fudhatan Birri Miiliyoona 223 fi kuma 475 fi 369 ol guutummaatti fedhiidhaaan kan deebisan ta’uu eeraniiru.
Birrii miiliyoona 9 fi kuma 838 fi 329 ol kan seeran ala fudhatan keessaa hanga ammaatti namoonni homaa hindeebisne 567 akka jiran ibsaniiru.
Baankichi namoota maallaqa fudhatanii fedhii isaaniitiin hindeebisne ilaalchisee dhimmichi akkaataa kallattii baankiin kanaan dura kaa’een, tartiibaan tarkaanfiiwwan barbaachisoo ta’an raawwachuudhaan, qaama seeraaf kan dhiyeessu ta’uu ibsaniiru.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.