Fana: At a Speed of Life!

Baankiin Misooma Afrikaa qabeenya qonnaa fi bishaanii Ityoophiyaa misoomsuuf hojjechaa jiraachuu ibseera

Finfinnee, Caamsaa 16, 2014 (FBC) – Baankiin Misooma Afrikaa Ityoophiyaan qabeenya qonnaa fi bishaanii ishee misoomsuu fi guddisuuf tattaaffii taasiftu kan deeggaru ta’uu beeksiseera.
Baankiin Misooma Afrikaa Ityoophiyaan qabeenya qonnaa fi bishaanii ishee misoomsuu fi guddisuuf tattaaffii taasiftu kan deeggaru Itti aanaan Preezidaantii Qabeenya Humna Namaa, Qonnaa fi Misooma Hawaasummaa baankichaa Beetii Danford ibsaniiru.
Beetii Danford, Ministir Deeetaa Ministeera Maallaqaa Samaartaa Sawaasawuu waliin Gaanaatti mari’ataniiru.
Mootummaan Ityoophiyaa misooma qonnaatiif xiyyeeffanaa addaa fi dursa kennuun hojjechaa jiraachuu Aadde Samaartaan ibsaniiru.
Ta’us, balaa hedduuf saaxilamaa waan ta’eef, sadarkaa barbaadameerraa akka hingeenye eeranii, Ityoophiyaan qabeenyaa damee qonnaaf ramadde fayyadamuun proojektoonni gaggeessaa jirtu sadarkaa gaariirra jiraachuu himaniiru.
Itti Aanaa Preezdaantii Misooma Qonnaa, Hawaasummaa fi Humna Namaa Baankii Misooma Afrikaa Beetii Danford gama isaaniin, sababa jijjiirama qilleensaatiin naannawaa gaanfa Afriikaatti gufuulee moul’atan furuuf, baankichi qabeenyaa damee qonnaa fi bishaanii Ityoophiyaa guddisuuf hojjechaa jiraachuu himaniiru.
Proojektii oomishtummaa guddisuuf gaggeeffamaa jiruu fi proojektii wabii nyaataa, dhiyeessii bishaan Booranaa fi sagantaa misooma qamadii milkeessuurratti mari’ataniiru.
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.