Fana: At a Speed of Life!

Baatii Adoolessaatti Birrii biiliyoonni 28.7 walitti qabame

Finfinnee Hagayya 6, 2014(FBC)- jalqaba bara baajataa 2015 baatii Adoolessaatti Birrii biiliyoonni 28.7 walitti qabamuu Ministeerri Galiiwwanii ibse.

Ministeerichi baatichatti Birrii biiliyoona 29 fi miiliyoona dhibba 5 fi miiliyoona 21 walitti qabuuf karoorfatee Birrii biiliyoona 28 fi miiliyoona dhibba 7 fi miiliyoona 66 walitti qabuu Ministirri Ministeera Galiiwwanii obbo Laaqaa Ayyaalaw eeraniiru.

Galichi kan bara darbee yeroo walfakkaatuun yoo madaalamu caalmaa Birrii biiliyoona 6 fi miiliyoona dhibba 4 fi miiliyoona 77 fi kuma dhibba 7 fi kuma 42 ol qabaachuu addeessaniiru.

Galii walitti qabame keessaa Birrii biiliyoonni 16 fi miiliyoonni 88 fi kumni dhibbi 8 fi kumni 91 fi 812 taaksii biyya keessaarraa kan argame ta’uu ibsaniiru.

Birrii biiliyoonni 12 fi miiliyoonni dhibbi 6 fi miiliyoonni 77 fi kumni dhibbi 5 fi kumni 81 fi 915 ammoo daldalaafi qaraxa alaarraa argamuu kaasaniiru.

Obbo Laaqaan qaamolee milkaa’ina hojichaaf ga’eesaanii ba’atan hunda galateeffachuu ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.